Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo

Sadaasa 22, 2016 (Komn.BCHUOO)- Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti sagantaan guduunfaa shaakallii gochaa hojiirraa dargaggootaa marsaan jalqabaa guyyaa har’aa gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Deetaan Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahun, Hogganaan BCHUO Injiiner Eebbaa Garbaa, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaafi Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee hoggantoonni sadarkaa garaagaraa, dargaggoonni shaakallii gochaa taasisaa turaniifi qaamoleen hawaasaa adda addaa hirmaachaa jiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiiib Abbaa Raayyaa haasawaa taasisaniin, hojiin carrraa hojii uumuu hojii diinagdee qofa osoo hin taane hojii hawaaaumnaa fi siyaasaa akkasumas hojii biyya ijaaruu fi wabii nyaataa mirkaneessuu waan ta’eef hojii keenya isa ijoo dha jedhaniiru.

Kanaafuu nutis pirojektii ‘Ga’umsaa’ irratti dargaggoota 642f leenjii kennuun, shaakallii gochaa hojiirraa ji’oota jahaaf taasisanii akka eebbifaman gochuu dandeenyeerra jechuun  erga baga gammaddanii dabarsaniiru.

Kana malees, kurmaana 1ffaa kanatti dargaggoota kuma 17 ol dameewwan hojii qonnaa, manufacturiingii, tajaajilaafi kanneen biroo irratti hojiitti kan galfaman ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Biirooo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaa gama isaaniin;  dhimmi asitti argamneef dargaggoota ogummaa jireenyaa argatan eebbisiisuuf yoo ta’u Jimmaaf Ogummaan haaraa miti jedhan

Bara Mootii Abbaa Jifaar irraa eegalee Jimmi hojii ogummaa mukaa fi sibiilaa akkasumaas Uffata oomishuun bakka bu’uraa yemmuu taatu ogummaa kana Gara Industiriitti jijjiiruun Jimmi madda industirii fi ogummaa ta’uu isii agarsiisuu qabnas jedhan.

Kaayyoon sagantaa pirojektii “Ga’umsaa” dargaggoota sababa garaagaraan carraa hojii dhabanii jiran leenjisuun ogummaa jireenyaa akka argatan taasisuun dhaabbilee fi abbootii qabeenyaan walitti hidhuun hojii akka argatan taasiuuf kaayyeffatee Qindeessummaa Ministeera Carraa Hojii fi Ogummaatiin kan raawwatu ta’ee hojjata kan jiru waan ta’eef dhalootni hojii kalaqaa fi saffisaan deeggaramee  ce’umsaa fi imala Badhaadhinaa akka danda’u taasisuudha jedhanii qaamolee milkaa’ina Hojii kanaaf tumsan galateeffataniiru.

Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Federaalaa Obbo Nugusuu Xilaahuun kallattii hojii kennaniiin Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa fi abbootiin qabeenyaa qindoominaan hojjachuun dargaggoota sagantaa ga’umsaan leenjii ogummaa argatan hunda isaaniif Carraa hojii waan uumtaniiif galatoomaa jedhaniiru.

Hojiin Magaalaan Jimmaa dargaggootaaf carraa hojii uumuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjataa jiru akka biyyaattis magaalota keenya hundaaf muuxannoo kan ta’uu fi irraa baratamuu qabu ta’uusaatiin olitti Magaalaan Jimmaa karoora akka biyyaatti carraa hojii lammiileef uumuuf qabanne milkeessuu keessatti shoora guddaa kan qabuu fi  hojii abdachiisaadha hojjetaa kan jiru ta’uus ibsaniiru.

Dhuma irratti Obbo Nugusuun guyyaa har’aa sagantaa pirojektii “Ga’umsaa” marsaa 1ffaa xumurree marsaa 2ffaa kan itti eegalchiifnu ta’uu isaa fi hojii marsaa 1ffaa Magaalaa Jimmaatti hojjatameen milkaa’inni argame keessumaa magaalichatti Xiyyeeffannaa dubartooraaf 60% qabanne dursuun 70% hojjatanii hojicha naamusa ol’aanaan hogganuun isaanii kan marsaa 2ffaatiif  barnoota nuu ta’eera jedha. Dargaggoonni Sagantaa kanaan carraa argatan jabaatanii hojjechuun jireenya isaanii injifachuu akka qaban dhaamaniiru.

Maddi: Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaati.

“BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!”

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *