Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo

Ergaa Hogganaa Biiroo CHUOO

Injineer Eebbaa Garbaa

Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo hojii dhabdummaa qormaata guddaa siraana siyaasaa fi diinagdee ijaaraa jirruu ta’e bu’uura irraa furuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoo guddaan hojjechaa jira.

Guddinni dinagdee biyya tokkoo itti fufiinsaan fuula duratti tarkaanfachuu kan danda’u hawaasni ogummaa gonfateen omishitummaa guddisu danda’u hedduminaan yoo horatameedha. Imala kana injifannoon goolabuuf hoggansi jijjiiramaa karoora xiiqii qopheessee hojiitti hiikuun cinatti inisheetiviiwwan adda addaa bocuun fedhii uummanni misoomaaf qabu guutuuf ariitii, qulqullinaafi baay’inaan hojjechaa,kalaqan deeggaruutti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Hojiin kunis sadarkaa jalqabbii gaariirra kan jiru yoo ta’u galma qabame bira gahuun akka dandahamu agarsiiftuun gurguddan mul’achaa jira.
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas ergama hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummatu horachuun dinagdee cimaa ijaarratu uumuuf hojjechaa jira. Galma kana milkeessuufis intarpirunaroota dinagdee baay’isan hedduumunaan horachuun akka danda’amuuf sirna leenjii bu’aarratti xiyyeeffate kutaalee hawaasaa adda addaaf kennamee jira. Milkaa’ina hojii kanaafis yaadama haaraa “Carraan hojii daaboon oli, leenjiin sartafikeetiin oli” jedhu hojiirraa oolchaa jira. Kanaanis dhaabbileen leenjii keenya giddugala itti hawaasni ogummaa gonfatu akka ta’anii fi intarpiraayizoonni bu’uura industirii ta’uu danda’an baay’inaan horatamuun dinagdee biyyaaf guchuu akka danda’aniif hojjetamaa jira.
Dinagdee damdaneessa ijaaruun imala badhaadhinaa jalqabame milkeessuuf humni namaa leenji’ee gahoome baayyee murteessaadha. Kana dhugoomsuufis Biiroon keenya riifoormii caasaalee isaa sadarkaan jiran keessatti hojiirra oolchuun carraa hojii itti fufiinsaa qabu mirkaneessuun lammiilee gabaa hojii keessatti dorgomaa ta’an baay’inaan horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.