Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo
sirna ceesisuu 2015

Guraandhala 26, 2015 (Komn.BCHUOO)-Sagantaan ce’umsaafi beekamtii Intarpiraayizoota Oromiyaa bara 2015 mataduree ‘’Ce’umsi Intarpiraayizootaa Badhaadhina Biyyaaf’’ jedhuun Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiruun intarpiraayizootni 1021 gara guddattuu giddugaleessaatti cehanii jiru.

Sirnicharratti argamuun haasawaa kan taasisan sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan kilaastara magaalaa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuu, mootummaan naannichaa intarpiraayizootni akka milkaa’aniifi sochii diinagdee biyyaa keessatti qooda isaanii akka bahatan taasisuuf paakeejiiwwan deeggarsaa firiin mirkanaa’e taasisaa jiraachuu ibsuun, cehuumsi intarpiraayizootaa har’aa kunis agarsiiftuu milkaa’ina kanaa ta’uu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa hojii jijjiiruu, aadaa qusannaa dagaagsuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi wiirtuuleen leenjii giddugala oomishaafi madda ogummaa akka ta’an gochuuf kutannoon hojjechaa jira kan jedhan obbo Masfiin, intarpiraayizootni guyyaa har’aa gara guddattuu giddugaleessaatti cehan dorgommii gabaa diinagdee isaan eeggatu mohachuuf qophii ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *