Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo
opening bazar

Guraandhala 23, 2015 (Komn.BCHUOO)- Baazaariifi Egzibiishiniin oomishaafi tajaajila intarpiraayizootaa, akkasumas agarsiisa kalaqawwan teekinooloojii Kolleejjota BLTO Ce’uumsa Intarpiraayizootaa Bara 2015 gaggeeffamu sababeeffachuun dhaadannoo “Misooma Intarpiraayizootaa Jajjabeessuun Xiyyeeffannoo Oomisha Biyya Keessaaf!” jedhuun magaalaa Adaamaatti sirna ho’aan baname.

Saganticharratti deetaan Ministeera Innoveeshiniifi Teekinooloojii Dr. Baay’isaa Badhaadhaa, Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Maatewoos Sobbooqaa, Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa obbo Ahimad Idriis, I/Aantuun Kantiibaa Magaalaa Adaamaa aadde Hinseenee Mahaammad fi keessummoonni garaagaraa hirmaataniiru.

Hogganaan BCHUOO obbo Maatewoos Sobbooqaa, biirichi hojii dhabdoota waldaan gurmeesuun paakeejiwwan deeggarsaa garaagaraatiin misoomsuun ogummaa itti horuufi teekinooloojii hidhachiisuun intarpiraayizoota sadarkaa guddina adda addaa keessa darbanii gara abba qabeenyummaati akka ce’aniifi ce’umsa dinagdee qonnarraa gara industiriti taasifamuuf gummaacha gudda taphachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kaayyoon baazaarii kanaas intarpiraayizootaaf walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, waljijjiirraa muuxannoof haala mijeesuufi oomishaaf teekinooloojiiwwan adda addaa hawaasa beeksisuurratti kan xiyyeeffatedha jedhan obbo Maatewoos.

Haasawaa Anaadhufuu kan taasisan I/Aantuun Kantiibaa Magaalaa Adaamaa aadde Hinseenee Mahaammad, oomishni intarpiraayizootaafi kalaqawwan teekinooloojii imala guddina dinagdee akka biyyaatti jalqabame milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, bulchiinsi magaalichaas aadaa hojii jijjiiruufi oomishni biyya keessaa guddina diinagdee keessatti gahee isaa akka bahatu gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuuu himan.

Walitti hidhamiinsa gabaa taasifameen intarpiraayizootni qarshii biiliyoona 12.8 akka horatan taasifameera kan jedhan obbo Maatewoos, baazaarii kanarrattis intarpiraayizootni 200 oliifi Kolleejjotni BLTO 20 oomishaafi kalaqa isaanii dhiyeessanii jiraachuu ibsaniiru.

Intarpiraayizootni oomishaafi tajaajila isaanii nuffii malee gurgurachuufi ibsachuu akka qabaniifi hawaasni maagalichaas baazaarii kana daawwachuun intarpiraayizoota kanneen irraa bitee jajjabeessuu akka qabu obbo Maatewoos dhaamaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *