Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo

Dorgomtoota dorgommii dandeettii ogummaa, kalaqa teekinooloojii, qorannoof qo’annoofi intarpiruunarshiippii marsaa 4ffaaf sadarkaa naannootti mataduree “Dambalii Ogummaa Badhaadhina Oromiyaaf!” jedhuun  gaggeeffamerratti mo’ataniif sagantaan badhaasaafi beekamtii kennuu magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Saganticharrattis Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaa Simal, Koreen Dhaabbii Misooma Magaalaa obbo Abdulqaadir Huseen, Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Dr.Tashaalee Bareechaa, Hogganaan BCHUOO obbo Maatewoos Sobbooqaa, Deetaan  Ministeera Innoveeshiniifi Teekinooloojii Dr.Baay’isaa Badhaadhaa, Ittigaafatamaan Waajjira Kilaastara Magaalaa obbo Mulugeetaa G/Hiwoot, Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee, Hoggantootni Biirolee Oromiyaa garaagaraafi raawwattootni sektara carraa hojii uumuufi ogummaa sadarkaan jiran hirmaataniiru.

Haasawaa Anaadhufuu kan taasisan Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee, ogummaafi kalaqni sammuufi harka oomishuu danda’u oomishuun jiruuf jireenya hawaasaa jijjiiruu, akkasumas biyya badhaateefi doegomaa taate ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu ibsuun, bulchiinsi magaalichaas hojiilee ogummaafi kalaqa dagaagsuu ciminaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Waltajjicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaan BCHUOO obbo Maatewoos Sobbooqaa, mootummaan naannichaa fedhii misoomaafi guddinaa uummatni qabu guutuuf waggoottan jijjiiramaa kana keessatti hojiilee hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasaa guddisan hojjechaa jiraachuu ibsuun biirichis hawaasa ogummaa gonfateefi hojii uummachuun badhaadhina maatii milkeessuun biyya jabduu ijaaruuf soxhii bal’aa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Kaayyoon sagantaa badhaasaafi beekamtii mo’attoota dorgommii kanaas leenjistoota, leenjifamtoota, sochooftota IMX, abbootii kalaqaafi namoota yaadama intarpiruunarshiippii qaban gidduutti miira dorgommii uumuun ergama sekterichaa milkeessuun badhaadhina biyyaa keessatti qooda ol’aanaa akka bahatan taasisuurratti kan xiyyeeffatedha jedhan obbo Maatewoos.

Biirichis warreen dorgomanii mo’ataniifis ta’e kanneen dorgommicharratti hirmaatan itti fufiinsaan deeggaruun bu’aan hojii isaanii gara oomishaatti galee fayyadamummaa hawaasaaf akka oolu gochuu keessatti deeggarsa itti dhiyeenyaa kan taasisu ta’uu obbo Maatewoos himaniiru.

Saganticharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Dr.Tashaalee Bareechaa, walitti hidhamiinsa dhaabbilee leenjii, yuunivarsiitotaafi industiriiwwanii cimsuun teekinooloojiiwwan kalaqamaniifi waraabaman gara oomishaatti galanii fayyadamummaa hawaasaaf akka oolan gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dorgommii sadarkaa naannootti gaggeeffame kanarratti dorgomtootni 573 hirmaatanii kan jiran yoota’u, dorgomtootni 58 sad.1ffaa bahuun badhaasa meedaaliyaa warqeefi qarshii kuma 15, dorgomtootni 51 sad.2ffaa bahuun badhaasa meedaliyaa meetiifi qarshii kuma 13 fi dorgomtootni 50 immoo 3ffaa bahuun badhaasa meedaaliyaa nahaasaafi qarshii kuma 10 waliigalatti dorgomtootni 159 mo’attoota dorgommii bara 2015 ta’uun badhaasaafi beekamtii argachuun dorgommii walfakkaataa sadarkaa biyyoolessaatti gaggeeffamurratti naannoo Oromiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uun beekameera.