Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo

Sagaantaa jalqabsiisa sosochii Ogummaa kanarratti argamuun qooda fudhattoota magaalicha irraa walitti dhufaniif leenjii kan kennan I/A hoogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa, Obbo Adem Kamaal “Hawaasni ogummaa gonfate hiyyummaa ni injifata. Kanaafuu, caasaaleen mootummaa sadarkaan jiru hundi hawaasni magaalaa ogummaa gonfatee waan hunda bitatee fayyadamuurraa gara omishuutti akka cehuuf sosochii bl’aa gaggeesuutu irraa eegama” jedhaniiru. Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarsan kantiibaan magaalaa Duukam Obbo Abduljaliil Abdirroo gama isaaniitiin jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiruun hiyyummaa seenaa gochuufi carraa hojii dargaggootaaf uumuun kan danda’amu ogummaa dagaagsuu fi aadaa hojii keenya jijjiiruun waan ta’eef; miira yeroo hinqabnu jedhu qabannee hojiitti galuu qabna jedhaniiru. Hirmaattoonni leenjii sosochii ogummaa waajirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalchaa qopheesse kana irratti hirmaataniis sekteraalee magaalichaa adda addaa irraa, caasaalee sadarkaa gandaa fi ogeessota carraa hojii uumuufi ogummaa magaalaa Duukam yoota’an leenjicha irraa hubannoo guddaa argachuu isaanii ibsuun sosochi kana gara hawaasaatti gadi buusuuf qophii ta’uu ibsaniiru.