Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo

Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuutti hojmaata kaayizanii piroojektiirratti xiyyeeffate hojiirra oolchuuf hojiileen hojjetaman daawwatamaniiru.

Daawwannicharratti argamuun miidiyaaf ibsa kan kennan Hogganaa I/A Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogumnaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa hojmaatni kaayizanii qisaasamaafi raawwilee faayidaaa hindaballe ittifufiinsaan dhabamsiisuu, kenna tajaajilaa fooyyessuu, naannoo hojii mijataa uumuu, ittiquufinsa tajaajilamaa dabaluu, qulqullinaaf oomishtummaa dabaluufi baasii oomishaa xiqqeessuu keessatti shoora ol’aanaa qabaachuu ibsaniiru.

Biirichis bara baajataa 2014’tti Kolleejjota Poolii Teeknikaa sagal keessatti hojmaata kana hojiirra oolchuuf bifa saayinsaawaa ta’een rakkoo jiru adda baasuun rakkoo adda bahe teekinooloojii akkamiin furuun akka danda’amurratti hubannoo uumuufi sirna waadaa galuu (kickoff) bifa ho’aan gaggeessuun hojiitti galamee jiraachuu ibsuun, hojmaata kana Intarpiraayizoota birattis hojiirra oolchuun oomishaafi oomishtummaa isaanii dabaluuf Intarpiraayizootni 51 filatamanii irratti hojjetamaa kan ture ta’uu himaniiru.

Hojmaata kaayizanii piroojektiirratti xiyyeeffate hojiirra oolchuun bu’aaleen akka: qisaasama iddoo hojii  hambisuu, meeshaalee hin barbaachifne gurgurame irraa qar. miliyoona 1 ol galii akka ta’u gochuu, meeshaalee mana kuusaa keessa osoo jiranii dhokatanii turan tilmaama qarshii miliyoona 31 ol ta’u tajaajilaaf akka oolan gochuu, maashinootni hedduun suphamanii tajaajila leenjiif akka oolan taasisuu, meeshaaleen hedduun irra deebiin faayidaa irra akka oolan gochuufi balaa hojiirratti mudachaa ture hir’isuun danda’ameera jedhan obbo Waasihuun.

Bara 2015’ttis muuxannoo kolleejjota filataman keessatti hojjetamaa jiru babal’isuun kolleejjota hafan biraan gahuufi ogeessota gorsaa kaayizanii ta’uun tajaajilan baay’inaan horachuuf karoorfamee jiraachuu obbo Waasihuun himaniiru.