Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo

Inisheetiivii manneen jireenyaa baadiyyaa ammayyeessuu Mootummaa Naannoo Oromiyaan eegalame akkaataa milkeessuun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti mari’atamaa jira.

Waltajjii marii kanarratti Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abdurahimaan Abdallaa, qonnaan bulaan baadiyyaa dhummatti jireenyaa hammayyaa akka jiraatuuf hundinuu tumsuu qaba jedhan.

Manneen jireenyaa baadiyyaa ammayyeessuuf hojii eegalameen, manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggataan gatii madaalawaan ijaaramu jedhan.

Milkaa’ina isaaf immoo hundinuu tumsuu qaba jechuun dhaaman. Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa, Obbo Ahimad Idriis, manneen jireenyaa baadiyyaa ammayya’oon kumni 50 bara 2015’tti ni ijaaramu jedhan.

Kanaanis namoota Kuma 200 fi kuma 50’f carraan hojii akka uumamu himan. Walitti hidhamiinsi Gabaa hanga Birrii biiliyoona 21 akka uumamus humaniiru.

Milkaa’ina hojii kanaaf hawaasa hubachiisuu fi qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu akeekan.

Hogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee bulaa Oromiyaa Dr Injinar Masaay Daani’eel, manneen jireenyaa baadiyyaa xuubiin ijaaraman akkaataa haala qilleensa godinaaleen ijaaramu jedhan. Aadaa hawaasaas giddu galeessa godhataanii kan jaaraman ta’uu himan.

maddi oduu OBN Afaan Oromoo.