Biiroo carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

logo
pr Shimalis

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee Ganda Bosoqqee Jaateetti sagantaa Dikilaareeshinii Qulqullummaa Oromiyaa kan jalqabsiisan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis, baadiyyaan giddugaleessa jijjiiramaa, qaroominaafi badhaadhinaa waantaateef, sagantaan Qulqullummaa Oromiyaas kan labsame Oromoon akka aadaafi duudhaa isaatti mana jireenyaa ammayyaawaa akka qabaatu taasisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, sagantichi Oromiyaa guutuutti akka hojiirra ooluuf ummatniifi hoggansi naannichaa fudhatee itti fufsiisuu akka qabu kallattii kaa’aniiru. Sagantaa kanaanis manneen jireenyaa moodelaa ijaaraman afran daawwatamuun furtuun abbootii manneeniif dabarfamee kennameera. Akkasumas, waldaalee intarpiraayizoota 93 manneen baadiyyaa bifa ammayaawaan ijaaruuf gurmaa’anii jiraniif maashinootni oomisha xuubii dabarfamanii kennamanii jiru. Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Ahimad Idriis saganticharratti argamuun ibsa addatti miidiyaaf kennaniin karoora manneen jireenyaa baadiyyaa ammayyeessuu keessatti gaheen BCHUOO Intarpiraayizoota oomisha Xuubiifi ijaarsa mana baadiyyaa ammayyaawaa irratti hojjetan gurmeessuu, Intarpiraayizoota kanaaf leenjii ogummaa kennuun qulqullinaafi gatii madaalawaan akka ijaaran gochuu, Intarpiraayizoonni hojii kanarratti gurmaa’anii maashina utuu hinargatiin hafan liqiin argachuu akka danda’aniif haala mijeessuufi Kolleejjotni BLTO maashina oomisha xuubii waraabuun waldaalee intarpiraayizootaaf akka dabarsan gochuu ta’uu ibsaniiru.